Adeemsi filannoo komishinarootaa hirmaachisaa, Iftoomina kan qabuu fi amanamaa ture- obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC) – Adeemsi filannoo komishinarootaa komishinii mare biyyaalessaa hirmaachisaa, Iftoomina kan qabuu, amanamaa fi loogiirraa bilisa turuu Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoo ibsan.

Manni Marechaa guyyaa har’aa walga’ii ariifachiisa 2ffaa gaggeessuu fi komishinii maree biyyaalessaaf komishinaroota 11 raggaasisuun isaa ni yaadatama.

Adeemsi filannoo komishinaroota marechaa hirmaachisaa, iftoomina kan qabu, amanamaa fi loogiirraa bilisa haala ta’een gaggeeffamuu Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasaa Caafoon ibsaniiru.

Komishinaroonni kunneen marii biyyaalessaa qindeessuun bu’aa barbaadamu fiduuf ga’umsa kan qaban ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaanonni marii biyyaalessaa fuulduratti gaggeeffamuuf jedhurratti ogummaan, jaarsummaa fi muuxannoo qabaniin ga’ee irraa eegamu ba’achuun si’aayinaa fi hubannoon mari’achuu akka mari’atan waamicha dhiyeessaniiru.

Kan taasisuun danda’amnaan fuulduratti biyya keenya bu’uura sirriirra dhaabuu ni dandeenya, komishinaroonnis kan ilaalcha keessa galchuun ga’ee qindeessummaa ba’achuu qabu jedhan.

Manni Marechaa hordoffii taasisuun rakkoolee mudatan soroorsaa milkaa’ina marichaaf kan hojjetu ta’uu kaasaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment