Adeemsi damee baankii abbootii qabeenyaaf alaaf banuu baankota alaa murtaa’aniin akka jalqabu Baankiin Biyyaalessaa beeksise

Finfinnee, Sadaasa 3, 2015 (FBC)- Adeemsi damee baankii abbootii qabeenyaaf alaaf banuu baankota alaa lakkoofsaan murtaa’aniin akka jalqabu Baankiin Biyyaalessaa Ityoophiyaa beeksise.

Baankii Biyyaalessaa Ityoophiyaatti Ittaanaa Bulchaan Dhaabbilee Faayinaansii fi Suupparviizhinii Solomoon Dastaa, kaappitaala baankonni alaa qabatanii dhufan hanqina sharafa alaa Ityoophiyaa salphisuun invastimantii dabalataaf carraa kan uumuudha jedhaniiru.

Baankotaa alaa damee baankiirratti hirmaachuuf dhufan mootumman Ityoophiyaa guutummaatti simachuun eeyyamaa kan hinkennine ta’uu ibsuun, ka’umsaaf baankota alaa muraasa akka keessumsiisan ibsaniiru.

Kanaafis haaldureen afur qophaa’uu eeran.

Eeyyama argachuu kan danda’an Ityoophiyaatti baankii xiqqaa fi dameelee hundeessuuf kan gaafatan, biyya keessaa aksiyoona %40 kan bitan baankotaa alaa ta’uu ibsaniiru.

Gama tajaajilaanis, keessumaa qonnaaf, manneenii fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa biroof, naannawaa baadiyaatti tajaajiloota garaagaraa kennuuf kaayyeffatanii baankonni dhufan jiraachuun faayidaaan olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Baankonni alaa haaldureewwan afran guutan hojii invastimantiif gara Ityoophiyaa dhufuun damee faayinaansii Ityoophiyaaf gumaachaa olaanaa ta’uu himaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment