Finfinnee, Muddee 11, 2012 (FBC) – Adeemsaalee Waldanda’uu amantaalee fi aadaa waliin jireenyaa faalleessan kan balaalleeffatan ta’uu Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimaad ibsan.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimaad guyyaa kaleessaa Naannoo Amaaraa magaala Mooxaatti mannee amantaa kiristiiyaanaa fi Maasjiidoota gubatan kan balaalleeffatan ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaa daandii badhaadhinaa irratti argamtu keessatti Waldanda’uu amantaalee fi aadaa waliin jireenyaa bara dheeraa turan adeemsi faalleessu kamiiyyuu iddoo kan hin qabne ta’uu himaniiru.
Ityoophiyaanoonni nageenya jaalaatan aadaa walkabajuu fi waliin jireenyaa qaban walii qooduu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Ajandaalee jibbisiisoo fi qoodiinsa uumaan hubachuun guddina waliinii yaa mirkaneessinu jechuun ergaa dhaamaniiru.