Finfinnee, Eebla 20, 2015 (FBC) – Ministeerri Dhimma Alaa fi Haqaa Adeemsa raawwii Ce’umsa Haqaarratti miseensota jila olaanoo biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaaf ibsi laataniiru.
Hoggantoota dhimmoota Afrikaa biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaaf qabiyyee fi raawwii ce’umsa haqaarratti ibsa laataniiru.
Waliigaltee nageenya Piriitooriyaan booda murannoon mootummaan agarsiise sosochii hunda galeessa biyyattiirratti jijjiirama qabatamaa fiduu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan ibsaniiru.
Mootummaan humnoota hidhatan waliin marii taasiisuun biyyattii gara nageenya waaraatti fiduuf tarkaanfiiwwan murteessaa fudhachaa jiraachuu kaasaniiru.
Gamtaan Awurooppaa hariiroo gaariii Ityoophiyaa waliin qabu gara duraatti deebisuuf murtoo dabarse Mootummaan Ityoophiyaa kan dinqisiifatu ta’uu ibsaniiru.
Gamtichi ijaarsa nagaa eegalame akka deeggaru gaafataniiru.
Qaamolee wayita waraanaa yakka raawwatan seeratti dhiyeessuuf tattaaffii taasiifamu milkeessuuf ce’umsi haqaa qaama hunda hirmaachise qophaa’aa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaan ibsaniiru.
Sanadichi adeemsa keessa darbuu qabu keessa arga darbee booda Baatii Fulbaanaa dhufu irraa jalqabee hojiitti kan hiikkamu ta’uu eeraniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.