Adeemsa Gadoomaaf sirni maqaa baasuu raawwatame

Finfinnee, Mudde 19, 2016 (FBC)- Adeemsa Gadoomaa Gadaa Gujii keessaa tokkoo kan ta’e sirni maqaa baasuu raawwatameera.

Sirnichis Ardaa Jilaa Danboobi Roobaleetti gaggeeffameera.

Abbaan Gadaa Maattii Miidhagaa Netee namni tokko gara Gadoomaatti dhufuun dura adeemsa keessa darbu keessaa sirni maqa baasii tokko ta’uu eeranii, sirna maqa baasii dabalatee jiloota Aadaa Gadaa keessatti Bunaa fi qeexalli hinhambifamuus jedhan.

Hayyuun Gadaa Maattii Adoolaa Me’ees qarree haddachuun Adeemsa gadoomaaf taasifamu keessaa tokko jedhan.

Namoonni maqaan baheefis, Qarree haddachuun hojii gootummaa gaafatu erga hojjetanii booda, sirna Gadaa keessatti itti gaafatamummaa qaban sirnan bahachuuf qophii tahuu himan.

Haatii Siinqee Maattiis, hirmannaa dubartiin Gadaa Gujii keessatti qabdu walqixummaa dhiiraaf dubartii kan mirkaneessuu ta’uu himuu OBN gabaaseeara.

Walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Gujii 75ffaa Harmuufarraa gara Roobaleetti dabarfamuuf, qophiin taasifamu itti fufeera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment