Adeemsa filannoo marsaa 6ffaa irratti muuxannoowwan argaman ilaalchisee qorannoon gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa adeemsa filannoo waliigalaa marsaa 6ffaa irratti muuxannoowwan argaman ilaalchisee qorannoo gaggeessaa jira.

Waltajjichaan gamaaggama adeemsa filannoo  boordichi gaggeesse, bu’aa fi muuxannoowwan argaman  beeksifamaniiru.

Boordichi filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa hordofee hojiilee garaagaraa adeemsa filannichaan hojjetamanii fi barnoota argame galmeessee kaa’uu ibsameera.

Qorannichi bu’aalee argamanii fi rakkoolee turan adda kan baasee fi  filannoo itti aanuuf barnoota kan ta’u akka ta’e Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Burtukaan Miidhaksaa ibsaniiru.

Haymaanot Iyyaasuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment