Adeemsa, bu’aa fi haala waliigaltee nageenyarratti mariin taasifame

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015 (FBC) – Adeemsa, bu’aa fi haala waliigaltee nageenyarratti bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamaniitti mariin taasifameera.

Waliigaltee nageenyaa Afrikaa Kibbaatti mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasiifameen deebii adeemsa, bu’aa fi haala waliigalticharratti bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamaniitti mariin taasiifameera.

Marii kanarratti Pireezidaantoonni naannolee, Af Yaa’iiwwan manneen maree lamaanii fi ministiroonni argamuu ibsameera.

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen waliigalticha ilaalchisee ibsa waliigalaa taasiisaniiru.

Waliigalteen nageenyaa kun sirna Heera Mootummaa kan eegee fi birmadummaa biyyaa haala kabajeen kan raawwate ta’uu eerameera.
Waliigaltichi yeroo qisaasa’e kan hirphuu fi naannolee miidhaman deebisaanii ijaaruurratti kan xiyyeeffate ta’uu Ambaasaaddar Reedwaan eeraniiru.

Waraanichaan kan miidhaman Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanota ta’uu isaaniin waliigaltichi hundaaf faayidaa qabaachuu ibsaniiru.

Hojiirra oolmaa waliigaltichaaf qaamni hundi qooda isaa ba’uu akka qabu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment