Adeemsa baruu fi barsiisuun hojiilee kalaqaa fi qorannoof xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2014 (FBC)- Adeemsa baruu fi barsiisuu sadarkaa sadarkaan taasifamutti hojiilee kalaqaa fi qorannoo bu’a qabeessa ta’aniif xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta’uu ibsameera.

Ministeerri barnootaa Yuunvarsiitii Diillaa fi Dhaabbata Jaappaan Intarnaashinaal Ko’ooppireeshin Ejensii jedhamu waliin ta’uun hojiilee qorannoo bu’a qabeessaa fi kalaqaarratti konfiransii biyyaalessaa jalqabaa gaggeesseera.

Konfireensichi mata duree “ qormaataa fi carraa barnoota Saayinsii, Injinariingii, Ogummaa fi Herreegaa Ityoophiyaatti” jedhuun gaggeeffamuu ibsameera.

Konfireensicharratti hojiileen kalaqaa qorannoon deeggaraman 20 ol dhiyaachuu eerameera.

Adeemsi baruu fi barsiisuun hojiilee kalaqaa fi qorannoof xiyyeeffannoo kan kenne ta’uu akka qabu Ministeera Barnootaatti Daayreektar Jeneraal Fooyya’iinsa Giddugala Saayinsii, Injinariingii, Ogummaa fi Herreegaa Dooktar Abrahaam Alamaayyoo ibsaniiru.

Preezdaantiin Yuunvarsiitii Diillaa Dooktar Daawwit Hayisoo gamasaaniin, beekumsaa fi muuxannoowwan biyya keessaa bu’uura godhachuun qorannoo bu’a qabeessa gaggeessuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Konfireensichaan barsiisotaa fi barattoota bu’aa qorannoo isaanii dhiyeessaniif sirni badhaasa jajjabeessituu gaggeefamuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment