Adeemsa baruu fi barsiisuu adda cite Teeleeviizhiiniin eegaluuf qophiin xumurame

Finfinnee, Eebila 6, 2012 (FBC) – Adeemsa baruu fi barsiisuu adda cite Teeleeviizhiiniin eegaluuf qophiin xumurame.
 
Biiroon barnootaa magaalaa Finfinnee sababa weerara vaayrasii koroonaan adeemsa baruu fi barsiisuu adda cite ture Teeleeviizhiiniin eegaluuf qophii xumuruu isaa beeksiseera.
 
Tamsaasni yaalii Eebila 7, 2012 buufata Teeleeviizhiinii Afrii Heelziin kan eegalamu ta’uu ibsameera.
 
Hogganaan Biiroo Barnootaa magaalaa Finfinnee obbo Addisuu Shaanqoo turtii Faanaa Broodkaasting Koorpooreti waliin taasisaniin maatiin barattootaa barattoonni sagantaa kana Kitaaba isaanii qabachuun akka hordofaniif deeggarsa gochuu qabu jedhan.
 
Sagantaa kana barattoonni manneen barnootaa dhuunfas hordofuu akka qaban hubachiisaniiru.
 
Qoramaanni biyyaalessaas labsii yeroo ariifachiisaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’erratti hundaa’uun kan raawwatu ta’uu ibsaniiru obbo Addisuun.
 
Sagantaan barnootaa Raadiyoo FM 94.7 fi Teeleeviizhiinii Afrii Heelziin darbu barattoonni mana taa’anii bohaaraa barnoota isaanii akka hordofaniif ni gargaara jedhan.
 
Dabalataan gosa barnootaa Heerreegaa, Afaan Ingilizii fi Saayinsii Uummamaa kan kutaa 7, 8, 9, fi 12 akkasumasa barnootaa Seenaa kutaa 11 fi 12ffaa sagantaa Raadiyoo fi Teeleeviizhiinii ‘Babeetee’ jedhuun hordofuun kan danda’amu ta’uu ibsaniiru.
 
Barnoonni kutaa 5ffaa- 8ffaa Raadiyoon darbaa jiraachuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Sisaay Geetnatitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment