Adeemsa ajandaalee walitti qabuurratti qaamoleen hirmaataan adda baafaman

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC)- Koomishiniin Marii Biyyaalessaa hojiilee ajandaalee walitti qabuu bulchiinsaa magaalotaa fi naannoleetti gaggeessuuf qaamolee garaagaraa hirmaatan addaa baaseera.

Qaamoleen kunneenis waamicha koomishinichaarraa dhiyaatuufiin ajandaa walitti qabuurratti dammaqinaan akka hirmaataan gaafatameera.

Qaamoleen qooda fudhattootaa garaagaraa, kutaalee hawaasaa aanaaleetti argaman, waldaalee siiviikii, paartilee siyaasaa, waldaalee hojjechiistotaa fi federeeshinii hojjettootaa fa’aa ta’uun ibsameera.

Dabalataan, dhaabbilee amantaa, waldaalee qaama miidhamtootaa, namootaa bebbeekamoo, waldaalee ogummaa, mana maree naannolee, mootummota naannolee (Qaamolee raawwachoostota) fi abbootiin murtee naannolee qaamolee addaa baafaman keessaa ta’uun ibsameera.

Ragaan Koomishinicharraa argame akka mul’isutti, waldaalee loltoota duraanii, waldaa gaazexessitootaa naannolee (dhaabbilee miidiyaa), hojjettoota mootummaa naannolee, hayyoota yuunivarsiitii, manni maree waldalee daldalaa, qaamolee adda baafaman keessatti kan argaman ta’uun eerameera.

Qaamoleen addaa baafaman kunneen yaa’ii marii biyyaalessaarratti ajandaalee barbaachisan akka dhiyeessan eegamaa jechuun Koomishinichi beeksiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment