Adduunyaarratti lakkoofsi namoota COVID-19 du’anii kuma dhibba 2 darbe

Finfinnee, Eebila 18, 2012 (FBC) – Adduunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan du’anii kuma dhibba 2 darbu himame.

Akka gabaasa Yuunvarsiitii Johans Hopkiinsanitti addunyaarratti sabaaba vaayrasii koroonaan lakkoofsi namoota du’anii kuma dhibba 2 caaleera.

Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii ammoo miiliyoona 2.9 ol galmaa’u ragaan ni agarsiisa.

Ragichi akka muul’dhisutti weerarichaan hanga ammatti lubbuun namoota kuma dhibba 203 fi 289 darbeera.

Du’i kumni 50 ol kan galmaa’e Ameerikaattidha.

Ameerikaa dabalatee Xaaliyaan, Ispeen, Faransaayii fi Ingiliiz tokkon tokkoon isaanii lammilee kuma 20 ol vaayrasichaan dhabaniiru.

Daayreektarri olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedroos Adhaanoom, Afrikaa, Awrooppaa bahaa, Giddugala fi Ameerikaa kibbaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii dabaluu akka danda’uu akeekachisuun isaanii ni yaadatama.

Dabalataniis Dooktar Teediroos biyyoonni tokko tokkoo dhoorkaa sochii biyyaa ka’aani turan kaasuun vaayrasichi akka babal’dhatuuf sabaaba ni ta’a jechuun isaanii kan yaadatamudha.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment