Addunyaarratti namoonni vaayrasii koroonaan qaban miiliyoona 33 caale

Finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC) – Addunyaarratti namoonni vaayrasii koroonaan qaban miiliyoona 33 caale.

Sadarkaa idil addunyaatti namoonni vaayrasii koroonaa qabaman miiliyoona 33 ol ta’eera.

Hanga ammaatti namoonni kuma 900 fi kuma 98 ol vaayrasichaan lubbuun isaanii darbeera.

Vaayrasicharraa kan dandamatan namoota miiliyoona 24 fi kuma 400 fi kuma 11 ol ta’aniiru.

Ameerikaa, Hindii, Biraazil, Raashiyaa fi Kolombiyaan biyyoota vaayrasichitti itti cimuun sadrakaa 1ffaa hanga 5ffaa qabataniiru.

Ityoophiyaan biyyoota addunyaa 215 gidduudha sadarkaa 49ffaa irratti argamati.

Maddi:- Woorlid O Meetr

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment