Addunyaarratti namoonni kumni 50 ol ta’an wallansa hordoffii cimaa keessa jiru

Finfinnee, Eebila 25, 2012 (FBC) – Addunyaarratti namoonni kumni 50 ol ta’an wallansa hordoffii cimaa keessa jiru.

Vaayrasiin koroonaa erga muul’ate ji’oota lakkoofsiseen biyyoota 212 waliin ga’eera.

Hanga ammatti addunyaarratti namoonni miiliyoonni 3 fi kumni dhibbi 4 fi kumni 85 fi 936 vaayrasichaan qabamaniiru.

namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 44 fi 380 lubbuun isaanii dhabaniiru.

kumni 50 fi 863 ammoo wallansa hordoffii cimaa keessa jiru.

Akka ragaa Yuunivaarsitii Joons Hoopkinsitti muul’isutti Ameerikaatti nammoonni miiliyoonni 1 fi kuma dhibbi 1 fi kumni 33 fi 69 vaayrasichaan yoo qabaman, namoonni kumni 67 fi 448 ta’an ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.

kanaanis addunyaarratti sadarkaa tokkoffaarratti argamti.

Ameerikaatti nammoonni kumni dhibbi 1 kumni 75 fi 382 ammoo vaayrasicharra dandamataniiru.

Ispeenitti namoonni kumni dhibba 2 fi kumni 16 fi 582 vaayrasichaan yoo qabaman kumni dhibbi 1 fi kumni 17 fi 248 warreen dandamataniidha.

Xaaliyaanitti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 9 fi 328 vaayrasichaan yoo qabaman, kumni 79 fi 914 ammoo dandamataniiru.

Briitaaniyaatti namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 83 fi 500 vaayrasichaan yoo qabaman namoonni 901 ammoo vaayrasicharra dandamataniiru.

Afrikaatti hanga ammatti namoonni kumni 41 ol vaayrasichaan yoo qabaman, kumni 1 fi 721 lubbuun isaanii darbeera.

kumni 13 fi 760 ammoo warreen vaayrasicharraa dandamataniidha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment