Addunyaarratti Lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 7 siqe

Finfinnee, Caamsaa 30, 2012 (FBC) – Adduunyarratti lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 7 tti siquu ibsame.

Vaayrasichaan addunyarratti lubbuun namoota kuma 400 darbeera.

Namoota vaayrasichi irratti argamee keessaa %30 ta’an ykn namoonni miiliyoonni 2 ta’an Ameerikaatti kan argamanidha.

Baatiiwwan 5 keessaatti lakkoofsii namootaa vaayrasichaan du’ani adduunyaarratti dhukkuboota daaddarboo ta’an keessaa tokkoo kan ta’e dhukkuba busaan namoota waggaatti du’an waliin walqixa ta’eera jedhame.

Lakkoofsi namootaa vaayraasichan du’ani biyyoota tokko tokkoo keessaatti dandeettiin qorannoo jiraachuu dhabuun lakkoofsii namootaa hospitaalaan alatti du’ani walitti ida’aamee ifaatti kan galmaa’an kuma 400 akka caaluu ni himama.

Maddi:-Rooyitars

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment