Addunyaarratti lakkoofsii namoota COVID-19 qamanii miiliyoona 36 caaleera

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC)- Addunyaarratti lakkoofsii namoota COVID-19 qamanii miiliyoona 36 caaleera.

Vaayrasichi erga muul’ate namoonni miiliyoonni 1 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.

Namoonni miiliyoona 27 ol ta’anii ammoo vaayrasicharra dandamataniiru.

Tamsa’inasaa guyyaa guyyaan dabalaa kan jiru vaayrasiin koroonaa biyyoota kanneen akka Ameerikaa, Hindii fi Biraaziil irra caalmaan hubat jira.

Ameerikaatti namooni miiliyonni 7.7 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma 200 oliis darbeera.

Hindittii namoonni miiliyoonni 6.8 covid-19f yoo saaxilaman, kumni dhibbi 1 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.

Biraaziliitti namoonnii miiliyoona 5 ol vaayrasichaan yoo qabaman, kumni dhibbi 1 ammo lubbuun darbera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment