Addunyaarratti lakkoofsii namoota COVID-19 qabamanii miiliyoona 22 ol darbe

Finfinnee, Hagayya 14, 2012 (FBC) – Chaayinaa magaalaa Wuhaanitti kan muuldhate vaayrasii koroonaa addunyaarratti namoota miiliyoona 22.5 ol qabeera.

Vaayrasichi erga muuldhatee biyyoota addunyaa hedduu keessaatti gaga’ama hamaa uumeera.

Keessayyu biyyoota akka Ameerikaa, Biraaziil, Hindi fi Afrikaa kibbaa haalaan hubaa jira.

Kanneen keessas sadarkaa jalqabarratti kan argamtu Ameerikaan vaayrasichaan haalaan hubamaa jirti.

Ameerikaatti namoonni miiliyoonni 5.7 vaayrasiichan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma dhibba 7 oliis darbeera.

Biraaziilitti ammoo namoonni miiliyoonni 3.4 vaayrsaichaan yoo qabaman, kumni dhibbi 1 ol ammo lubbuu isaanii dhabaniiru.

Hindittis vaayrasii koroonaatin namoonni miiliyoonni 2.8 yoo qabaman, kumni 54 ol ammoo lubbuun isaanii darbeera.

Afrikaa kibbattis namoonnii kumni dhibbi 5 ol vaayrasichaan yoo qabaman, kumni 12 ol ammoo du’aniiru.

Ityoophiyaattis namoonni kumni 34 ol vaayrasii koroonatin yoo qabaman, 600 ammoo lubbuun isaanii dhabaniiru.

Maddi:-Wordometer

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment