Addunyaarratti lakkoofsii namoota COVID-19 lubbuun isaanii dhabanii miiliyoona 1 darbe

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaatin lubbuun isaanii dhabanii miiliyoona 1 darbuu ibsameera.

Sodaa addunyaa gutuu ta’uun kan itti fufee vaayrasiichi erga mul’atee baatiwwan muraasa keessaatti lubbuu namoota miiliyoonaa 1 galafateera.

Ameerikaa, Biraaziilii fi Hindi sadarka idil addunyaatti namoota du’aan keessaa walakkaa ol akka qabataan ragooleen ni muul’isuu.

Ta’us ogeessonnii lakkoofsii inni sirrii kan amma ibsamee kanarra hedduu caaluu mala jedhu.

Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez, lakkoofsichii kan ‘rifaatuu’ namatti uumudha jedhaniiru.

Weerarrii vaayrasii koroonaa Chaayinaa magaalaa Wuhaan baatiwwan 10 dura muul’dhatee addunyaa waalin ga’eera.

Yeroo amma kana vaayrasichi biyyoota 188 keessaatti faca’eera.

Addunyaarrattis namoonni miiliyoonni 32 ol vaayrasichaan qabamaniiru.

Maddi:-BBC fi Aljaziira

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment