Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 27 caale

Finfinnee, Qaammee 1,2012 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii miiliyoona 27 caaluu ibsame.
 
Akka ragaan ‘Woorlidoomeetirs’irraa argame muul’isutti addunyaarratti namoota miiliyoona 27 fi kuma 97 fi 421 vaayrasii koroonaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 8 fi kuma 84 fi 350 darbeera.
 
Namoonni miiliyoonni 19 fi kumni dhibbi 2 fi kumni 13 fi 453 dhibicharraa yoo dandamatan, namoonni miiliyoonni 6 fi kumni dhibbi 9 fi kumni 99 fi 618 ammoo yaalarratti argamu.
 
Namoonni kumni 60 fi 161 wallaansa cimaa keessatti aragmu.
 
Afrikaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 98 fi 139 dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma 31 fi 145 darbeera.
 
Ityoophiyaattis namoota kuma 57 fi 466 dhibichaan qabaman keessa lubbuun namoota 897 darbeera.
 
Ityoophiyaan baayy’ina namoota vaayrasichaan qabamaniitiin Afrikaarraa sadarkaa 4ffaa irratti argamti.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Comments (0)
Add Comment