Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamani miiliyoona 4 darbe

Finfinnee, caamsaa 2, 2012 (FBC) – Addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamani miiliyoonaa 4 darbe.

Addunyaarratti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman miiliyoona 4 darbuusa ragaan Yuunivaarsitii Joons Hoopkinsirra argame ni muul’isa.

Ka’umsa isaa Chaayinaatti bulchiinsa Wuuhan kan taasisee weerarichi dhaabbanni fayyaa adduunyaa erga gabasee baatii 4 keessatti vaayrasichi namoota miiliyoona 4 ta’an irratti argameera.

Vaayrasichaan adduunyaarrattis namoonni lubbuun darbe kuma dhibba 2 fi kuma 77 ol ta’eera.

kanneen keessaa Ameerikaatti namoonni miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 ol ta’an  vaayrasichaan qabamaniiru.

Yaata’u malee ogeeyyoonni fayyaa akka himanitti, biyyoota tokko tokkoo keessaatti lakkoofsi namoota qoratamanii gadi aanaa ta’uus lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamani kanarraa ni caalaa jedhaniiru.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment