Addunyaarratti guyyaa tokkotti namoonni kumni dhibbi 1 ol vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) -Addunyaarratti guyyaa tokkotti namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 83 vaayrasii koroonaan qabamuu Dhaabbanni Fayyaa Adduunya beeksise.

Erga weerarri vaayrasichaa muul’atee lakkoofsi galmaa’e kun isa guddaadha jedhameera.

Namoota vaayrasichaan qabaman keessaa hedduun isaanii Ameerikaa kaabaa fi kibbaa ta’uun ibsameera.

Biraaziilitti guyyaa kaleessaa qofa lubbuun namoota 641 yoo darbu, namoonni kumni 17 ammoo vaayrasichaan qabamaniiru.

Waliigala biyyattiitti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman miiliyoona 1 yoo caalan, lubbuun namoota 50,617 darbeera

Guyyaa tokkotti namoonni vaayrasichaan qabamuun isaanii galmaa’e keessaa %60 Ameerikaa kaabaa fi Ameerikaa kibbaa ta’uu dhaabbatichi ifoomsera.

Yeroo weerarri vaayrasichaa ariitiin dabalaa jirutti deeggartoonnii fi mormitoonni preezdaantii Biraaziil Jaay Boolseenaroo addabaabayiitti ba’aaniiru.

Moormitoonni Jaay Boolseenaroo preezdaantichi  fayyaa hawaasaa irratti burjaajii waan uumaniif mana murtiitti dhiyaachuu qabu jechuun sagalee isaanii dhageessisaniiru.

Deeggartoonni isaanii ammoo maanni murtii waaliigala preezdaantii keenya hidhuu hin danda’u, aangoo isaas daangessuun rakkisaa jira jechuun hiriira ba’aniiru.

Ameerikaatti namoonni miiliyoonni 2.2 vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuun namoota 120,000 darbeera.

weerarichaan Biraaziil Ameerikaatti aantee sadarkaa 2ffaarra jirtis jedhameera.

Addunyaarratti namoonni miiliyoonni 9 vaayrasichaan yoo qabaman, lubbuun namoota kuma dhibba 4 fi kuma 70 olii darbeera.

Maddi:-BBC fi Worldomatter

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment