Addunyaarratti dorgomtummaa dhaabbatichaa cimsuuf ogeeyyii ga’umsa qaban horachuuf gumaacha olaanaa taasisa jira-Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Sadaasa 27, 2017 (FMC)- Addunyaarratti dorgomtummaa Yuunivarsiitii Aviyeeshinii cimsuuf ogeeyyii ga’umsa qaban horachuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsan.

Dooktar Alamuun Daawwannaa Dhaabbilee Leenjii Aviyeeshiniitti taasisaniin Itiyoophiyaan damee Aviyeeshinii Idil Addunyaan sadarkaa jalqabaa argachuuf kutannoon qabdu daawwachuu ibsaniiru.

Galma kana milkeessuuf dhaabbileen leenjii mootummaas ta’e dameen dhuunfaa gumaachi taasisaa jiran olaanaadha jedhan.

Yuunivarsiitiin Aviyeeshinii Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaas Afrikaarraa adda durummaa isaa cimsuu fi sadarkaa Idil Addunyaatti dorgomtummaa isaa cimsuuf ogeeyyii ga’umsa qaban horachuun gahee olaanaa bahachaa akka jiru dubbataniiru.

Mootummaa fi manni hojii ministeerichaas dhaabbilee kanneeniif deeggarsa barbaachisaa fi hordoffii taasisuu akka itti fufan mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment