Addunyaarra lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii miiliyoona 50 dabre

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2013 (FBC) – Addunyaarra lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii  miiliyoona 50 dabre.

Biyyoota addunyaa garagaraatti namoonni hedduun vaayrasii koroonaan qabamuu hordofee, lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii miiliyoona 50 dabre.

Akka ragaa Yuunivarsiitii Johns Hopkins’tti namoonni miiliyoona 1.25 vaayrasichaan lubbuu dhabaniiru.

Haata’uutii, lakkoofsi namoota qabamanii kan jedhame kanaa ol ni taha jedhama. Sababni isaas biyyoota hedduu keessatti qorannoon gahaan waan hin godhamneef.

Akka gabaasa Reuters’tti, lakkoofsa kana keessaa ruubiin yookaan kurmaanni, vaayrasichi yeroo lammaffaaf irra deebiin ka’uu isaatiin (second wave) kanneen qabamanidha.

Namoota miiliyoona 12.5 qabamaniifi 305,700 kan galmeessite Awrooppaan ammallee iddoo vaayrasichi itti hammaate taatee jirti. Wayita vaayrasichi eegalus daran itti hammaatee ture.

Ameerikaatti hanga ammaa namoonni miiliyoona 10tti siqan vaairasichaan qabamaniiru. Guyyoota sadiif walitti fufiinsaan biyyattiitti namoonni 125,000 ol guyyaatti vaayrasichaan qabamaniiru.

Lakkoofsa uummataa qabaniin walbira qabamee yoo ilaalamu, kutaaleen biyyaa Daakotaa Kaabaa fi Kibbaa, duuti olaanaa kan itti galmaa’edha.

Preezdaantii tahuun kan filataman Joo Baayidan, weerara kana to’achuuf ciminaan akka hojjetan waadaa seenaniiru. Preezdaant Tiraamp hammeenya vaayirasichaa laaffisanii ilaaluun, akkasumas tarkaanfiiwwan vaayirasicha to’achuuf bahan didaa turan.

Awrooppaatti ammoo Firaans guyyaa Dilbataa qofa namoota haaraa 38,619 vaayrasichaan qabaman galmeessite. Guyyaa Sanbataa garuu lakkoofsi kun 86,852 ture.

Kana malees biyyattiitti namoonni 271 wayita lubbuu dhaban, waliigalattis 40,439 kan tahan lubbuu dhabaniiru.

Biyyattii tatamsa’ina vaayirasichaa qolachuuf uggurri marroo lammaffaa labsameera.
Yuunaayitiid Kingidamitti ammoo namoonni haaraa 20,572 yoo qabaman, duuti haaraa 156 galmaa’eera.

Kanaanis lakkoofsa namoota lubbuu dhabanii 49,044 gaheera – Awrooppaatti isa olaanaadha.

Indiyaa fi Biraazilis haala hamaa keessa jiru.

Ityoophiyaattis lakkoofsi namoota qabamanii waliigalatti 100,000tti kan siqe yommuu tahu, guyyaatti lakkoofsi namoota qabamanii kan duraaniiraa gadi jira.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment