Addunyaa beelarraa bilisa ta’e uumuuf Invastimantii fi carraa hojii uumurratti xiyyeeffatamuu qaba – Gardi Muular

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2017 (FBC) – Addunyaa beelarraa bilisa ta’e uumuuf Invastimantii fi carraa hojii uumurratti xiyyeeffachuun murteessaa ta’uu Daayrektarri Jeneraalaa Dhaabbata Misooma Indaastirii Mootummoota Gamtoomanii Gardi Muular ibsaniiru.

Konfiraansiin Addunyaa Beelarraa bilisaa mata duree ‘Invastimantii babal’isuu’ jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Itiyoophiyaan beela dhabamsiisuuf qonnaan bultootaafi Interpiraayizoota tumsuun carraa hojii uumaa jiraachuu Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal dubbataniiru.

Damee Indaastirii Oomishaan guddina Diinagdee galmeessuun wabii nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Wabii nyaataa waaraan mirkaneessuuf Indaastirii qonnaarratti bifa addaan hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Addunyaa beelarraa bilisa ta’e uumuuf Invastimantii fi carraa hojii uumurratti xiyyeeffachuun murteessaa ta’uu Gardi Muular hubachiisaniiru.

Keessattuu Qonna Afrikaa qonna Teeknooloojiin durfamu taasisuuf hojjetamuu qaba jechuu isaanii ragaan Minsiteera Indaastiriirraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment