Addis Wag mata duree ‘maddoota qaala’insa jireenyaa fi tarkaanfiiwwan furmaata” jedhurratti mari’atamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) –Waajjira Muummee Ministiraatti Prees Seekreetariiyaatiin kan qophaa’u Addis Wag mata duree ‘maddoota qaala’insa jireenyaa fi tarkaanfiiwwan furmaata” jedhurratti mari’atamuu eegaleera.

Maricharratti Ministir deetaan Ministeera misoomaa fi pilaanii Dooktar Namarraa Gabayyoo, Baankii Biyyoolessaatti gorsaa olaanaa diinagdee maaykiroo obbo Mallas Minaalee fi Komishinii hojii gamtaa Ityoophiyaatti daayreektarri sirna bittaa gamtichaa Yirgaalam Iniyaaw yaada dhiyeessaniiru.

Obbo Mallas Minaaleen, qaala’insa jireenyaatin lammiileen rakkoo keessa jiraachuu ibsaniiru.

Kanarra darbees fedhii fi dhiyeessiin wal simuu dhabuu, raabsaa oomishaalee fi hanqina bittaa, bulchiinsi baajataa akkasumas haalota idil addunyaatiin qaala’insi jireenyaa mudachuus ibsaniiru.

Mootummaan qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhataa jira jedhaniiru obbo Mallas.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment