Finfinnee, Caamsaa 6, 2014 (FBC) – Baaburri Lafarraa Ityoohiyaa Jibuutii fi Humni Elektirkaa Ityoophiyaa waliigaltee waloon hojjechuu mallatteessaniiru.
Waliigaltichis addaan ciccituu humna elektirikaa baabura Ityoo-Jibuutiirratti muudatu hambisuuf gargaaraa jedhameera.
Waliigalticha hojii raawwachisaan Baabura lafarraa Ityoophiyaa Jibuutii Dooktar Abdii Zannabaa fi hojii gaggeessaan olaanaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaa obbo Ashabbiir Baalchaa mallatteessaniiru.
Qiddist Birhaanuutu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.