Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC) – Adda Waraanaa Baatiitti hoggantoonni waraanaa olaanoon humnoota diinaa 6 barbadaa’uu Tajaajjilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.
Adda waraanaa Kamiseettis oppireeshinii cimaa gaggeeffameen hoggantoonni waraanaa humnoota diinaa waraanicha hogganaa turan 6 barbada’uu Ministirri Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu ibsaniiru.
Guyyoota lamaan darban Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad dabalatee adda waraanaatti duuluun xiyyeeffannoo olaanaan waraanaa hogganaa jiraachuu Dooktar Laggasaan eeraniiru.
Oppireeshinii cimaa gaggeeffamaa jiruunis hanga ammatti hoggantoonni waraanaa humnoota diinaa waraana dursaa turan waliigala 12 barbadaa’uu ibsaniiru.
Hoggantoonni waraanaa humnoota diinaa barbadaa’aan kunneen koloneelotaa fi jeneraaloota ta’uu ibsameera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.