Adamsoo garee finxaaleyyii ABUT fi Naannoo Tigraay deebisaanii dhaabuu ilaalchisee Seeneetii Faransaayiif ibsi laatame

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Hojii adamsoo garee finxaaleyyii ABUT fi Naannoo Tigraay deebisaanii dhaabuu ilaalchisee Seeneetii Faransaayiif ibsi taasiifamuu himame.

Faransaayitti aanga’aa guutuun Ityoophiyaa ambaasaaddar Heenok Tafarraa haala uumameef kan itti gaafatamu garee Juuntaa qofa ta’uu ibsaniiru.

Gareen badii kun raayyaa ittisa biyyarratti haleellaa gara jabinaa fi ajjeechaa raawwachuu ibsaniiru.

Sirni heera mootummaa akka kabajamu duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu bu’aa qabeessa ta’e gaggeeffamuu fi gareen finxaaleyyii ABUT seeratti kan dhiyaatu ta’uu ibsa taasiisaniiru.

Hojii naannicha deebisaanii dhaabuu gaggeeffamaa jiru mootummaa deeggaruun kan barbaachisu ta’uu hubachiisaniiru.

Ambaasaaddar Heenok Seeneetii Faransaayii fi itti aanaa Preezdaantii koree raayyaa ittisaa fi dhimma alaa seeneetichaa Seediiriik Peeraniif galata dhiyeessaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment