Adaamaatti Warshaan Oomisha Oksijinii eebbifame

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) –Kolleejjii Meedikaala Hospitaala Adaamaatti Warshaan Oomisha Oksijinii baasii Birrii miiliyoona 50’n ijaarame tajaajilaaf banameera.

Guyyaan Oksijinii sadarkaa idil Addunyaatti yeroo 2ffaaf Itiyoophiyaatti immoo yeroo jalqabaaf bakka Hoggantoonni Olaanoo Ministeera Fayyaa ,Biiroo fayyaa Oromiyaa fi ogeeyyiin Fayyaa biroo argamanitti Kolleejjii Meedikaala Hospitaala Adaamaatti kabajameera.

Warshaan oomisha Oksijinii Hospitaalichi baasii Birrii miiliyoona 50’n ijaarsiise eebbifamuun tajaajilaaf banaa taasifamuu TOI gabaaseera.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan,biyyaattiitti dhukkubsatoota hedduu yaaluuf keessattuu wal’aansa baqaqsanii yaaluuf Oksijiniin barbachiisaa ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment