Adaamaatti manneen barumsaa Ifa Boruu 3 ijaaruuf dhagaan bu’uura ka’ame

Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC)-Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti manneen barumsaa Ifa Boruu 3 ijaaruuf dhagan bu’uura ka’ameera.

Dhaga bu’uuricha sadarkaa itti aanaa preezdantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa, Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Baarisoo fi  Kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee waliin ka’aniiru.

Obbo Addisuu Araggaa, hirmaannaa dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti qabnu cimsuuf ganna darbe manneen barnootaa kuma 32 ol hirmaannaa ummataatiin ijaaramuu ibsaniiru.

Manneen barumsaa Ifa Boruu hundi hanga caamsaa 30tti kan xumuraman ta’uu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii magaalaa Adaamaarratti arganne ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffan
Comments (0)
Add Comment