Adaamaatti hoteelli Haylee rizoortii Birrii miiliyoona 500 ijaarame eebbifame

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC)- Dhaabbanni hoteelotaa fi rizoortiwwan Haylee magaalaa Adaammatti hoteela Birrii miiliyoona 500 ijaarsise hoteelaa Haylee rizoortii 7ffaa har’a eebbisiseera.

Sirna eebbicharratti Shaalaqaa Haylee dabalate hooggantonni hojii rizrootichaa argamaniiiru.

Hoteelli har’a eebbifame galmaa nyaataa fi walga’ii dabalatee kutaa boqonna kessuummeessiitota 106, iddoowwan ispoorti, bakka bishaan daakkitii fi bu’uuralee misooma kan of keessatte haammate ta’uu ibsameera.

Hoteelli Adaamaatti ijaarame kun baasii Birrii miiliyoona 500 tin jedhameera.

Kanarraa darbees lammiilee 300f carraa hojii umamuus dubbatameera.

Fireehiywoot Saffiiwtu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment