Adaamaatti gamoon jiguun lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2013 (FBC) – Magaalaa Adaamaatti gamoon jiguun lubbuu namoota 4 darbuu poolisiin beeksise.

Qajeelcha poolisii  bulchiinsamagaalichaatti ogeessii kominikeeshinii inispeektar Warqinash Galmeecha, balichi kan qaqqabee kutaa magaalaa Dambaal ganda Irreechaa keessaatti jedhaniru.

Gandichatti naannoo maqaa addaa mana barumsa Koloneel Dajanee Simee Jedhamutti hoteelli Hawwii jiguun balichi qaqqabeera jedhan.

Hoteelicha gamoo haara bakka buusuuf isaa moofaa osoo diigaa jiraanii hojjettoota guyyaarra balaa qaqqabeen lubbuu namoota 4 battalumatti darbeera.

Namoota lamarra ammoo balaan qaama cimaan qaqqabuu ibsameera.

Ka’umsii balichaas hanqina eeggannoo ta’u eerameera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment