Adaamaatti Doolaara Ameerikaa Kuma 46 seeraan alaa daddarbaa turee fi faayaaleen to’ataman

Finfinnee, Adoolessa 12, 2014 (FBC) – Adaamaatti Doolaarri Ameerikaa kumni 46 ol seeraan alaa daddabarfamaa turee fi faayaaleen Warqee to’atamuu Poolisiin Magaalatti beeksise.

Ogeessi Quunnamtii Ummataa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Adaamaa Ittaanaa Inispeektaraa Warqinash Galmeechaa, maallaqni to’ataame Finfinneerraa gara Dirree Dawaatti geeffamaa kan ture, konkolaata abbummaan isaa kan Baankii Daldalaa Ityoophiyaa ta’e keessa dhokfamee ta’uu ibsaniiru.

Poolisiin sakatta’aa tasaa gaggeesseen kaleessa galgala sa’aa 4:30tti to’achuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan Doolaaraa Ameerikaa kuma 46 fi 421, warqee mormaa 16, faayaalee harkaa fi gurraa garaagaraa to’atamuun bsameera.

Konkolaachisaa dabalatee namootaa to’ataman irratti Poolisiin qorannoo gaggeessaa jiraachuu Inispeektar Warqinasha ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment