Adaamaatti deeggarsa hidha guddichaaf Birrii Miliyoona 20 ol walitti qabuuf karoorfameera

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2014 (FBC) – Sirni simannaa Waancaa Hidha Guddicha Haaromsaa Ityoophiyaa marsaa 2ffaan Adaamaattii gaggeeffameera.
Sirnicharratti Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, kutaalee hawaasa garagaraa fi qondaaltonni hojii mootummaa hirmaataniiru.
“Humna keenyaan kan jalqabne humna keenyaan ni xumurra”, “Qabeenya umamaa keenyaa misoomsuuf mirga qabna”, “Hidhi Guddichaa Haaromsa Ityoophiyaa Mallattoo tokkumma keenyaati” dhaadannoowwan jedhan dhageessifamaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Haayiluu Jaldee, lammiilee hirmaachisuun akka eegalametti hidhicha gamta tokkoon xumuruun addunyaaf fakkeenya ni taana jedhaniiru.
Jiraattonnii fi abbootiin qabeenyaa magaalattis adda durummaa misooma irratti qaban hidhaa guddichaa xumuruurrattis hirmaachuun gumaacha isaanii akka bahatan dhaamaniiru.
Akka Magaalaa Adaamatti bara 2014 kennaa fi gurgurtaa boondiin Birrii miiliyoona 20 fi kuma 400 deeggarsa hidha haaromsaaf walitti qabuuf karoorafamuu ragaan Kominikeeshinii Magaalaa Adaamaarraa argame ni mul’isa.
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment