Adaamaatti abbaan qabeenyaa; daldaltoota suuqii kireeffatan 354f kiraa ji’a tokko dhiisan

Finfinnee, Eebila 5, 2012(FBC) – Magaalaa Adaamaatti abbaan qabeenyaa obbo Taaddasaa Dabalee; daldaltoota suuqii kireeffatan 354f kiraa ji’a tokko dhiisan.
Tumsi taasifame weerara vaayrasii koroonaa dandamachuuf kan ooludha.
Kiraan abbaan qabeenyichaa dhiisan kan Birrii miiliyoona 1.6 oliiti.
 
Koolleejjiin Poolisii Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Adaamatiif daakuu kuntaala 60, mokoroonii kuntaala 30, bassoo kuntaala 13, saamunaa uffataa fi qaamaa 2000 fi sooftii 1000 deeggarsaan laatera.
 
Daayreektarri Koolleejjii Poolisii Oromiyaa Koomaandar Getaachoo Ittaanaan deeggarsicha kantiibaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Assaggid Getaachoo harkaan ga’aniiru.
 
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Assaggid Getaachon abbootii qabeenyaa aantummaa ummataa muul’isan mara galateeffataniiru.
 
Lammiin hunduu akka waltumsu yaadachiisuun, walcinaa dhaabbachuudhan yeroo rakkoo kana ni ceenas jedhaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment