Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT waggoottan 27 darban sirna Feedereelaalizimii karaa sirrii hin taaneen fayyadamuun mirga sabaaf sablammootaa sarbaa turuu Ministir Deettaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi ibsan.
Garichi haala qorannoorratti hundaa’een mirga sabaaf sablammootaa sarbaa turuu Dooktar Iyyoob dhimmoota waqtaawaa biyyaalessaarratti turtii Miidiyaa Hindii ‘Diidii’ jedhamu waliin taasiisaniin eeraniiru.
Ityoophiyaatti rakkoon yeroo ammaa muudate gareen shororkeessaa ABUT jijjiirrama eegalamee qolachuuf Raayyaa Ittisaa Ajeja Kaabaarratti haleellaa raawwaachuu hordofee ta’uu kaasaniiru.
Humnoota garee shotorkeessaa kana deeggaruuf yaalaan Ityoophiyaan ni injifatti jechuun dubbataniiru.
Garichi humnoota alaarraa deeggarsa Saatalaayitii fi kanneen biroo kan argatu ta’uu Dooktar Iyyoob ibsaniiru.
Tasgabbiin Ityoophiyaa nageenya naannichaaf murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.