ABUT waggoota 27’n darbaniif Siyaasa Oromoorratti xiyyeeffattee hojjachaa kan turte hamma Oromoon gahuu waan beektuufi-  Preezdaant Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – ABUT waggoota 27’n darbaniif Siyaasa Oromoorratti xiyyeeffattee hojjachaa kan turte hamma Oromoon gahuu waan beektuufi jedhan Preezdaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Amalli ABUT inni duraa olaantummaa isaanii namatti fe’uu, gadi aantummaa kee akka fudhattu gochuu, qabeenya qabdu akka qabeenya isaanitti saamuu fi yaadaafii gaaffii akka hin dhiyeessineef gochuu ta’uu eeraniiru.

Qabsoon Oromoo jaarraa 1fi walakkaaf bu’aa malee kan itti fufeef waan hoggansa tarsiimoo ceesisuu fi sirna isaatiin gaggeeffamu dhabee ta’uu kaasaniiru.

ABUT waggoota 27n darbaniif Siyaasa Oromoorratti xiyyeeffattee hojjachaa kan turte hamma Oromoon gahuu waan beektuufi jedhan.

Humni Fedaraalizimii hin beekne maqaa Fedaraaliziimiin bakka bu’uuta isaa tolchuun naannoolee akka gaggeessan gochuunis biyya saamaa ture jedhaniiru.

Hariiroon Shanee fi ABUT, hamma amaloota ABUT baachuu danda’utti qofa ta’uus Preezdaant Shimallis himaniiru.

Icciitiin deeggarsaa uummannii Raayyaa Ittisa Biyyaaf godhu hamma ABUT hubachuu uummataati jedhan.

Uummannii Sirnaan ijaaramee naannoo isaa tiksuu akka qabu dhaamuu isaanii ragaan Waajjir Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment