ABUT Tigraayitti madfii dhukaasuun lammiilee nagayaa miidhaa jira jedhe Ajajni Kibbaa

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC) – ABUT Tigraayitti madfii dhukaasuun lammiilee nagayaa miidhaa jira jedhe Ajajni Kibbaa.
Gareen badii ABUT rayyaa ittisa biyyaa ajaja Kaabaarratti miidhaa qaqqabsiisee taankota hate gatee baqachaa jiraachuu ajaja Kibbaatti qindeessaan humna namaa fi miidiyaa Koloneel Dajanee Tsaggaayeen himaniiru.
Rukuttaa raayyaa ittisa bayyaarraa irra ga’u dadhabnaan lammiilee nagayaarratti madfii dhukaasuun midhaa qaqqabsiisaa jira jedhan.
Taankota t-72 lakkoofsan 2 ta’anii fi meeshaalee biroo gatee caccabaa jiraachuus eeraniiru.
Garichi bakka da’atee baafnee seeratti dhiyeessuuf hojjechaa jirras jedhan.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Comments (0)
Add Comment