ABUT shororkaa hawaasummaa uumuuf hojjechaa jiraachuu dookumantiin isaa miliqee bahee saaxile

Finfinnee, Hagayya 30, 2014 (FBC) – ABUT naannawaa garaagaraatti shororkaa hawaasummaa uumuuf hojjechaa jiraachuu dookumantiin isaa miliqee bahee saaxileera.

Garichi filannoo nageenyaa diduun “Adeemsa Boqonnaa Xumuraa fi Tarsiimoo” jedhuun waraana marsaa 3ffaa yeroo dhiyootti labse durse akka itti qophaa’e dookumantii dhoksan hoggansa isa jala jiraniif raabse irratti ifatti eeramera.

Aarsaa lubbuu kamiyyuu kaffaluun mootummaa aangoorraa buusuun mootummaa biraa hundeessuuf qophaa’ummaa ABUT fi deeggartoonni isaa qaban dookumanticharratti ibsameera.

ABO Shanee fi qaamoleen kaayyoo garichaa deeggaran kanneen biroon deeggartoota biyyoota adda addaatti argaman waliin qindoomuun sochii gara magaalaa Finfinneetti taasifamu irratti isaan cinaa jiraachuu isaanii kan mirkaneessuu ta’u Hojii Raawwachistonni Olaanoo Naannichaa marii dhoksaan taasisaniin mirkaneessuu dookumantichi ni mul’isa.

Naannoolee waldaangeessaniitti humnaa fi haalota adda addaan seenuun haleellaa raawwachuu fi hanqinaalee fayyadamuun haala kamiiniyyuu kayyoosaa raawwachuu akka qabu dookumanticharratti ifoomera.

Mootummaa diiguuf siyaasaa fi rakkoolee hawaasummaa itti fufsiisuu akka barbaachisus dookumanticha keessatti eeramera.

Hojiilee misoomaa fi diinagdee mootummaan uummata dammaqsuun eegale gufachiisuu irratti xiyyeeffannaa akka taasisan ibsameera.

Ajandaaleen diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa gara dirreetti akka bahu taasisuun, gaaffii uummataa akka ta’an fakkeessuun waliitti bu’iinsa uumuun akka kaayyoo garichatti kaa’amera.

Biyyoota garaagaraa keessattii fi miidiyaalee alaa fayyadamuun hojiilee ololaa hojjechuun dhimma karoora isaanii keessatti hammatame ta’uu dookumantii iccitii garichaarratti ifatti taa’eera.

Mootummaan damee diinagdeen misooma qonnaa, qamadii fi hojiilee misoomaa biroo eegale gufachiisuuf garaagarummaa jiru fayyadamuun naannawaa garaagaraatti walitti bu’iinsa uumuurratti xiyyeeffatee akka hojjetu dookumantichi eereera.

Karoora kana galmaan geessisuuf walitti bu’iinsa uumuuf humnota bobbaasuu, tumsu fi hidhachiisuurratti akka hojjetu ibsameera.

Naannoo Amaaraatti gaaffii daangaa Qimaanti ilaalchisee gaaffiin ummataa akka ka’u taasisuun naannawicha kufaatii hawaasummaa fi siyaasaa hindhaamne keessa galchuuf hojiilee hojjetaman dookumanticha keessatti tarreffamaniiru jedhame.

Kana malees, Naannoo Kibbaatti gaaffileen naannoo ta’uu akka cimee ka’u, gaaffilee gurmaa’inaa gara walitti bu’iinsaatti akka jijjiiraman gochuu fi gaaffileen naannoo ta’uu naannoolee biraattis haalaa walfakkaataan akka ka’u taasisuuf fedhii qabaachuu argisiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment