ABUT naannoo Amaaraatti dhaabbilee bishaanii Birrii biiliyoona 1tti tilmaamaman barbadeesse

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC)- Gareen Shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraatti dhaabbilee bishaanii Birrii biiliyoona 1tti barbadeessuu Hogganaan Biiroo Bishaanii fi Inarjii naannichaa Dooktar Maamaaruu Ayyaalew himaniiru.

Biirichi itti gaafatamtoota Walloo Kaabaa, Shawaa Kaabaa fi Walloo Kibbaa akkasumas qaamolee dhimmi ilaalatuu waliin magaalaa Kombolchaatti mari’ataniiru.

Marichaanis gareen shororkeessaa kun naannoo Amaaraatti kan argaman dhaabbilee bishaanii Birrii biiliyoona 1tti tilmaamamuurratti miidhaa qaqqabsiisuu ibsaniiru.

Kombolchaa qofatti dhaabbilee bishaanii 102 ta’aan irratti miidhaa qaqqabsiiseera.

Dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa ta’aaniin tumsa taasifameen hedduun isaanii gara tajaajilaatti deebi’uu ibsameera.

Kanneen hafanis gara tajaajilaatti deebisuuf hirmaannaan taasifamaa jiraachuu himameera.

Biiroon Bishaanii fi Inarjiis naannoo Amaaraas waajjiraalee bishaanii aanaaf deeggarsa meeeshaalee Birrii miiliyoona 4tti tilmaamaman taasisuu ibsameera.

Zaruu Kaffalinyiitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment