ABUT Naannoo Afaar aanaa Raahileetti irra deebiin lammiilee nagaarratti haleellaa raawwate jedhame

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) –Gareen shororkeessaa ABUT Naannoo Afaar karaa Kiilbaatii Raasuun loo’ee seenuun aanaa Raahileetti irra deebiib lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuu Mootummaan Naannichaa beeksiise.
Garichi Raahilee Alaa ganda Asaa’idaa jedhamutti lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuu mootummaan naannoo Afaar beeksiiseera.
Har’a barii lafaa sa’aatii 11:00 irratti irra deebiin weerara gaggeessuun Horsiisee bultoota, Dubartootaa fi Daa’immanirrati haleellaa meeshaalee waraanaa jajjaboon deeggarame raawwachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Naannichaarraa argame ni muul’isa.
Humni addaa Naannoo Afaarii fi milishaan naannichaa garichaaf deebii laachuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment