ABUT magaalotaa gurguddoo keessaatti haleellaa raawwachuuf gareen bobbaase to’atama jiru

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC)- ABUT magaalotaa gurguddoo keessaatti haleellaa raawwachuuf gareen bobbaase to’atama jiraachuu Poolisiin Federaalaa beeksise.

Komiishinarri Komiishinii Poolisii Federaalaa Janaraal Indaashaaw Xaasaw fi sekreeteriyaatiin yaa’insa odeeffaannoo labsi yeroo ariifaachiisaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen waliin ibsa laataniru.

Ibsichaan gareen ABUT magaalaa Finfinnee dabalatee magaaloota biyyattii garaagaraatti haleellaa raawwachuuf bobbaase to’annaa jala oola jiru jedhan.

Namoonni dhuunfa to’annaa jalaa oola jiraan tumsaa fi eeruu uummaataan akkasumas qaamolee nageenyaan ta’uu ibsameera.

Shira ABUT fashaleessuuf hojiin ciminaan eegalame cimee akka itti fufuu ta’u Janaraal Indaashaaw Xaasaw ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment