ABUT Kuusaa DhMG Maqaleetti argamu saamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) –Hidhattoonni garee ABUT Kuusaa Maqaleetti argamu saamuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiise.

Dubbii Himaan Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Isteevan Duujaariik hidhattoonni garee ABUT kaleessa barii kuusaa dhaabbattichaa magaalaa Maqaleetti argamu saamuu isaanii mirkaneessaniiru.

Boba’aa deeggarsa namoomaaf hiramuuf kuufamee ture liitira kuma dhibba 5 fi kuma 70 saamuu dubbii himichi ibsaniiru.

Taankaroota boba’aa 12 saamuu isaanii ifoomsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment