ABUT irraa ergama badii fudhatanii Naannoo Gambeellaatti Sabaa fi Sablammoota walitti buusuuf socha’aan turan jechuun namoonni shakkaman too’annoo seeraa jala oolan

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2013 (FBC)  – ABUT irraa ergama badii fudhatanii Naannoo Gambeellaatti Sabaa fi Sablammoota walitti buusuuf socha’aan turan jechuun namoonni shakkaman too’annoo seeraa jala ooluu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa beeksise.

Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa ibsa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ergeen Tsaggaayee Maabiraatuu(Kaaysaay), Gabramaariyam Anaanioyaa, Waastinnaa Tashoomaa(Jaal Seenaa), Abirhaam Mahaarii, Kolooneel Tasfaayee(Baalestiraa) fi kanneen biroo humnoonni badii   ABUT fi ABO shanee 19 too’annoo seeraa jala ooluu beeksiseera.

Naannichaatti sabaa fi sablammiilee walitti buusuuf karoorri isaanii fashalaa’uun namoonni kunneen too’annoo seeraa jala oolaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, naannoo Beenishaanguul Gumuuz Godina Matakkalitti raawwatamee kan ture, badiin walfakkaatu naannicha keessatti godinoota Asoosaa fi Kamaasheetti sabaa fi sablammiilee walitti buusuuf naannichaatti hokkara uumuun lubbuun lammiileerraa balaa buusuuf miseensoota garee ABUT kan ta’an, ergama Abbaay Tsahaayyee fudhatanii socho’aa kan turean Yohaannis Girmaayii fi Raaysoom Girmaay namoonni jedhaman namoota isaan waliin socho’an 20 waliin too’atamaniiru.

Naanoo Gambeellaa fi Beenishaanguul Gumuuzitti humnoota badii kana too’annoo jala oolchuu fi gocha isaanii fashaleessuuf duula adeemsifameen Tajaajila Odeeffaannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa, komishinii Poolisii Federaalaa akkasumaas qaamoleen nageenyaa qindoominaan hirmaachuu ibsameera.

Naannoolee biroottis badii walfakkaatuu raawwachuuf ergama fudhatanii socho’aa kan turan humnoota badiirratti hordoffii cimaa taasisaa jiraachuu himeera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment