ABUT irra deebiin weerara banuuf qophiin taasisaa jiru farra uummataa ta’ee itti fufuusaa kan mirkaneessedha- Obbo Aganyahu

Finfinnee, Caamsaa 6, 2014 (FBC) –Gareen Shororkeessaa ABUT irra deebiin weerara banuuf qophii taasisaa jiraachuunsaa badii isaarraa barachaa akka hin jiree fi farra uummataa ta’ee itti fufuusaa kan mirkaneessedha jedhan, Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar.

Uummata Naannoo Tigraayiif deeggarsi namoomaa akka hin qaqqabneef gareen shororkeessaa kun deeggarsa namoomaa gufachiisuuf gocha raawwacha jiru irraa of qusachuu akka qabu, hawaasni Idil Addunyaa dhiibbaa irratti akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

Af Yaa’iin Mana Marichaa obbo Aganyahu Tashaagar haala yeroo biyyaarratti Tajaajila Oduu Ityoophiyaa waliin turtii taasisaniin akka himanitti, gareen shororkeessaa kun ’Ityoophiyaa ani hin hogganne haa diigamtu’ jechuun ka’ee jijjiirama qabsoo ummataan argame gufachiisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Gareen shororkeessichi waraana irra deebiif ifatti qophaa’aa jiraachuusaa gaazexeessitoonni Idil Addunyaa saaxilaa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan deeggarsa namoomaa naannoo Amaaraa, Affaar fi Tigraayiitti qaqqabsiisaa jiraatus, gareen shororkeessaa ABUT garuu gufachiisaa jiraachuu Obbo Aganyahuu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment