ABUT haleellaa naannoo Affaaritti qaqqabsiiseen manneen barnootaa 759 barbadeesse

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Affaar godinaalee 4 fi aanolee 21 haleellaa raawwateen manneen barnoota 694 gariinii fi manneen barnoota 65 ammoo guutuumaa guutuun waliigala 759 barbadeesseera.

Hogganaan Biiroo Barnoota Naannoo Affaar obbo Alii Mahaammad akka ibsanitti, manneen barnoota barbada’aan deebisanii dhaabuu fi hojii baruu fi barsiisuu itti fufsiisuuf qaamolee dhimmi ilaalaatu waliin koreen hundaa’ee hojii eegaleera.

Baasii waliigalaa deebisaanii dhaabuu fi ijaaruuf barbachiisuu waliigalaan hojjetamee kan ifoomuu ta’uu himaniiru.

Manneen barnoota barbada’aan deebisanii suphuu fi ijaaruuf hawaasni hirmaannaa akka taasisuu waamicha dhiyeessuu Ragaan Ministeera Barnootaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment