Finfinnee, Onkololeessa 2, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT yaalii cimaa aangoo qabachuuf taasiisu cimsee itti fufuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiiseera.
Garichi naannoo Kaaba Goondarii fi Wallootti mootummaan karaa walaba ta’een deeggarsa namoomaa dhiyeessaa jiru mormuun iddoolee weeraretti diina ummataa ta’uu qabatamaan mirkaneessuu ibseera.
Iddoolee qabatee jirutti loltoonnii fi deeggartoonni garee shororkeessaa ABUT qabeenyaa fi midhaan qonnaan bultootaa saamaa jiraachuu ibsi Ministeerichi baase ni muul’isa.
Kaaba Wallootti bu’uuraalee misoomaa barbadeessuun jireenya diingadee fi hawaasummaa jiraattoota godinichaa daraan miidhaa jiraachuu ibsameera.
Qabeenya qonnaan bultootaa saamaa fi barbadeessaa jiraachuu eerameera.
Midhaan deeggarsa namoomaa miidhamtootaaf dhiyaatan illee osoo hin hafin fudhachuu himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.