ABUT Gaalawwan osoo hin hafin barbadeessuu jiraattoonni  Samara Loogiiyaa dubbatan

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) –Gareen Shorokeessaa ABUT Gaalawwan osoo hin hafin barbadeessuu jiraattoonni Naannoo Afaar Samaraa Loogiyaa ibsaniiru.

Garichi haleellaan ummata naannoo Afaarirratti raawwate hangam garaa jabeessa akka ta’e kan agarsiisu ta’uu jiraattoonni kunneen himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT meeshaalee waraanaa gurguddoon haleellaa raawwateen daa’immanii fi haadholii ajjeessurra darbee Gaallawwan hedduu fixuu ibsaniiru.

Garichi qabeenya guddaa ummata Afaar kan ta’e Gaala fixuun isaa jibbiinsa cimaa ummata Afaariif qabu kan garsiisu ta’uu dubbataniiru.

Gochaan kun ummata Afaar daraan mufachiisuun garicha barbadeessuuf qophii ta’uu isaanii himaniiru.

Olola sobaan osoo hin burjaaja’in kabajaa fi eenyummaa keenyaaf tokkummaan garee badii kana yeroo dhumaaf dhabamsiisuuf yaa kaanu jechuun jiraattoonni kunnee dhaamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment