ABUT duguggaan lammiilee nagaa Ciinaarratti raawwate yaadatame

Finfinnee, Hagayya 29, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT duguuggaan lammiilee nagaa Ciinaarratti raawwate waggaa 1ffaan Ciinaatti gaggeffameera.

Sirna yaadannoo kanarratti Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa, Ministira Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allibal dabalatee qondaaltonni hojii mootummaa biroon argamaniiru.

Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa sirna yaadannoo kanarratti, yaalii weeraraa shororkeessaa ABUT fashaleessuu keessatti lammiilee Ciinaarratti wareegama kaffalan yaadachuun barbaachisaadha jedhan.

Garechi yeroos waan injifate itti fakkaatus ammas marsaa 3ffaa weerara bane ummanni ityoophiyaa biyyattii fi ofii isaa weerara garechaa dhaabuu qaba jedhaniiru.

ABUT Godinaa Goondar Kaabaa Aanaa Daabaat ganda Ciinaatti lammiilee nagaa gara jabinaan haleeluu fi awwalchi jumlaa argamuun ni yaadatama.

Haleellaa kanaan daa’immaan, haadholii fi maanguddota 100 olirraa miidhaan hamaan qaqqabuun kan yaadatamuudha.

Sirna yaadannoo kanarratti argisiisni suuraa taatee yeroosii mul’isu daawwatootaaf dhiyaateera.

Eliyaas Amammuutitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment