ABUT dhabamsiisuun nageenya Baha Afrikaaf murteessadha – Dooktar Abiy

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2013 (FBC) – ABUT dhabamsiisuun nageenya Ityoophiyaafis ta’ee Baha Afrikaaf murteessa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Dooktar Abiy Fuula ‘Proojektii Siindiikeet’ jedhamuuf barreeffame erganiin duulli mootummaan naannoo Tigraayitti gaggeesse ummata Tigraay cunqursaa ABUT jalaa kan baasee fi naannoo gaanfa Afrikaatti abdii kan muul’ise ta’uu hubachiisaniiru.

ABUT dhabamsiisuun malaamaltummaa Ityoophiyaatti dagaagee ture fi abbaa irrummaa balleessurra darbee abdii Tokkummaa, Walqixummaa fi Diimookraasii kan muul’iseedha jedhan.

Baha Afrikaatti hojmaanni gosummaa bu’ura taasiifate ABUT waliin itti famuu kan eeran Dooktar Abiy, wayita duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu miidhaa ga’e furuuf deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Biyyi kamiiyyuu raayyaa ittisaarraatti haleellaan wayita raawwatu harka maratee taa’uu hin danda’u kan jedhan Dooktar Abiy, waa hunda dura Ityoophiyaan lammiilee ishee diina keessaa fi Alaarraa ittisuuf dursa kan laattu ta’uu ibsaniiru.

Sababa haleellaa garee ABUTiin duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu gaggeeffame yeroo gabaabaa keessatti milkiin xumuramuu ibsa taasiisaniiru.

Duullichi of eeggannoo olaanaa fi milkiin xumuramus ajjeechaa fi buqqaatiin lammiilee nagaarra qaqqabe daraan kan isaan gaddisiise ta’uu dubbataniiru.

Rakkoon naannoo Tigraay jiru akka xumura argatuuf Mootummaan hawaasa idila addunyaan qindeessuun deeggarsi barbaachisu taasiisuuf xiyyeeffannoo laatee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Qaamoleen garaagaraa ABUT yoo hin jiraanne Ityoophiyaan akka Yuugoozlaaviyaa bittanaa’uun naannoo Gaanfaa Afrikaatti giddugala jeequmsaa taati jechuun raaga sirrii hin taane raagaa turan jiraachuus beeksisaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

Comments (0)
Add Comment