ABUT deeggartoota isaa fi meeshaalee hidhate gatee baqataa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC) – Gareen Shpororkeessaa ABUT deeggartoota isaa fi meeshaalee hidhate gatee baqataa jiraachuu Ajejoonni adda Waraanaa Godina Walloo ibsaniiru.
Loo’ee seentoonni garichaa iddoo garaagaraatti barbadaa’aa jiraachuu himaniiru.
Adda Waraanaa Wallootti Ajejaan kutaa waraanaa Guunaa 21ffaa Kolooneel Takluu Hirrisaan loo’ee seentoonni garichaa saamicha, ajjeechaa fi gochaa kashalabummaa lammiilee nagaarratti raawwataa jiraachuu kaasaniiru.
Garicha barbadeessuuf Raayyaan Ittisaa, Humnoonni Addaa naannolee fi qaamoleen nageenyaa biroo tarkaanfii waloon fudhataniin iddoolee diina harka turan to’achuun danda’amuu ibsaniiru.
Miseensonni Kutaa waraanaa 11ffaa f 21ffaan garicha barbadeessaa jiraachuu Ajejaan kutaa waraanaa 11ffaa Kolooneel Mokaaniint dubbataniiru.
Diina yeroo gabaabaa keessatti barbadeessuuf duulli qindaa’aan gaggeeffamaa jiraachuu Ajejaan kutaa Waraanaa 112 ffaa fi 210 ffaa Birgaadeer Jeneraal Alamuu Ayyanew dubbataniiru.
Garichi abdii kutachuun saamicha garaagaraa raawwachuurratti bobba’uu eeraniiru.
Hojiin hoggantoota isaanii adamsuu cimee itti fufuu dubbataniiru.
Tumsi ummataa injifannoo argameef gumaacha olaanaa qabaachuu himaniiru.
Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment